Hobomboleettii Hamaan US Kutaa Flooridaa Yaaddesse

  • VOA

Hobomboleettii hamaan Maayikil jedhamu kan naannoo Flooridaatti bubbisaa jiru halkan edaa hedduu kan cime ta’uu isaaf dhaabi tilmaama qilleensaa jiraattonni kutaa US gama kibbaa bubbeen hamaan kun balaa hamaa dhaqqabsiisuu maluuf akka qophee taasisan gaafatee jira.

Waaltaan tilmaama qilleensa biyyoolessaa gabaasa haaraa har’a ganama baaseen hobomboleettii Maaykil jedhamu kun sa’aatii tokkotti km 230 kan fiigu yoo ta’u kutaa Florida gama kibbaa gara magaalaa Panamatti wa’aatiitti km 130 bubbisaa jiraachuu beeksisee jira. Haaluma kanaan laggeen jiran kan guutan akkasumas qilleensi akka hamaatti kan bubbisu ta’uu dhaabi kun beeksisee jira.

Hobomboleettii Maaykil jedhamu kutaa florid agama kaabaa qilleensa rukute isa hamaa dha.