Hoogganoonni Kongiresa Federaalawa Oromoo Maa’ikelaawiittti Hidhaman Ehama Maatii Arguu Argatan

  • Namoo Daandii

Itti-aanaa dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Garbaa

Itti-aanaa dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Garbaa dabalee fi itti-aanaa barreessaa dhaabichaa, obbo Dajanee Xaafaa dabalee hoogganoonni Koongiresa Federaalawa Oromoo mana-hidhaa waaltaa qorannaa yakkaa “Maa’ikelaawii” jedhamutti hidhamanii jiran, maatii isaanii isaan dubbisuuf waalticha deeman arguuf ehama argachuu isaanii dubbatu, maatiin isaanii.

Miidiyaalee hawaasaan akka odeessamaa turetti, hoogganoonni Koongiresa Federaalawa Oromoo fi Oromoonni ka biroon waaltaa qorannaa sanatti hidhatanii jiran, “mirga abukaatoo seeraa isaanii waliin dubbachuu, mirga maatii isaanii waliin dubbachuu fi mirga wal’aansa fayyaa argachuu dabalee, mirgawwan seera biyyattii keessatti tumamanii jiran, nuuf haa kabajaman” jedhuudhaan guyyoota sadi’iif eega nyaata lagachuun mormii isaanii dhageessisanii booda ehamni maatii isaanii arguu kun kennameef, jedhama.

Mucayyoon Obbo Beqqelee Garbaa, dubree Boontuu Beqqelee kana ilaalchiisuun Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf gaaffii fi deebii kenniteen, ishii fi haati ishee, aadde Haannaa Raggaasaa, har’a waan magaalaa Finfinnee hin turreef, akka ehama kanaatti Obbo Beqelee arguu dhaa baatan iyyuu, firri isaanii tokko deemee Obbo Beqqelee arguu isaa ibsitee jirti. Har’aan dura, guyyoota sadeen dabraniif ennaa Obbo Beqqeleef nyaata geessaa turtetti qodaa itti geessite waan deebisanii isheef kennuu dhiisaniif dubbiin isaa ishee yaaddessuu kan ibsite, Boontuun, booda garuu, abbaan ishee fi hidhamtoonni Oromoo Maa’ikelaawii jiran ka biroon nyaata lagachuun mormii irra turuu isaanii akka dhageesse dubbattee jirti. Haadha ishee, aadde Hannaa Raggaasaa, waliin boor ganama akka deemtee abbbaa ishee dubbisuuf karoorfattee jirtus himtee jirti.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutuu Boontuu Beqqelee Garbaa waliin geggeessine dhaggeeffadhaa