Haala Gargaarsa Tigraay Irratti Hoogantuun Damee USAID Keessaa Ibsa VOA-f Kennan

  • VOA

Sadaasa 4/2020 irraa kaasee rakkinnii siyaasaa naannoo tigiraay keessatti dhalate, namaata hedduu rakkoo adda addaatiif saaxiluun isaa karaa adda addaatiin gabaasamaa ture. Amma gabaasamaa jira. Rakkoowaan namoota irra gahan furuudhaaf qaamoleen gargaarsaa biyya keessaaf biyya alaa qooda fudhataa jiran jiraachuunis beekamaa dha.

Jaarmiyaalee gargaarsa kana irratii hirmaachaa jiraan keessaa tokko Dhaabbata Gargaarsaa Sadarkaa Addunyaa Yunayitid isteet, kan maqaa USAIDn beekamu.

Gareen deggersa itisa balaa dhaabbatichaa, DART jedhamuun beekamu yeroo amma sochii gargaarsa Tigiraay keessatti geggeessamaa jiru qaama adda durummaan geggeesuudha. Waahelii keenya, VOA Afaan Tigiree, Betree Silxaan hoggantuu DART yeroo ammaa achi jiran Emilii Daakiin haala tigiraay keessa jiruu fi yaalii USAID gochaa jiru irratti dubbisee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Hoogantuun Damee USAID Keessaa, Haala Gargaarsa Tigraay Irratti Ibsa VOA-f Kennan