Hogganaan Hamaas Ismaa’il Hanniyyeeh Roobii har’aa kan Ajjeefame bakka jireenyaa isaa biyyya Iraan magaalaa Teehiraan keessatti akka ta’e gareen Hamaasii fi humni waraanaa addaa Iraan beeksisaniiru.
Ajjeechaa kana ilaalchisee ibsa kan kenne gareen Hamaas mana jireenyaa Haniyeeh irratti Isiraa’eel yokaan wara Zaayoonistoota jedhee waameen akka ta’e ibseera.
Humni waraanaa addaa Iraan kan Humni Waardiyaa Waraaqisaa, jedhamu gama isaatiin akka jedhetti haleellaa mana hogganaa Hamaas irratti raawwatame kanaan eegdotaa isaa keessaa tokko ajjeefamuu isaas beeksiseera. Ajjeechaa kana eenyu akka raaw’ate haga ammaatti ifatti wantii himame jiraachuu baatuus, gareewwan adda addaagara mootummaa Isiraa’elitti quba qabaa jiru.
Your browser doesn’t support HTML5
Israa’eel dhimma kana irratti wamti jette jiraachuu baatus, akka maddi oduu Asooshiyetid pirees jedhetti ajjeechaawwan gareen dhaabata basaasaa Isiraa’el Moosaad raawwatuuf mootummaan Israa’el deebii akka hin keninee waan beekamuudha. Ismaa’il Hanniyyeh hogganaa biiroo Siyaasaa Hamaas kan ta’ee filatamee bara 2017 yemmuu ta’u, bara 2019 Gazaa gadi lakkisuudhaan biyyaa Qaataar keessa jiraachaa akka ture gabaasameera.
Lola Gaazaa keessatti taasifamaa jiru waligaltee dhukaasa dhaabuutiin qabbaneesuudhaaf biyyi Qaataar, Masirii fi Yunaayitid Isteetis yemuu yaalii taasisaa jiran kanatti ajjeechaan kun raawachuun isaa haala naanichaa keesaa jiru caalatti hameesuu akka danda’u, biyoottan adda addaa eeranii yaadoo fi mormii isaanii ibsaa jiran. Minstiriin Dhimmaa alaa Qaatar ajjeechichi balaa qabeesaa jechuudhaan mormii dhiyeesse. Prezidaantiin Iraan Maasuu’ud Pizeshkian yaadaa fuulaa X irratti kenaaniin gochicha balaalefatanii biyyii isaanii walabumaa daangaa ishee kabachiisuudhaaf tarkaanfi akka fudhatu ibsaniiru.
Pirezidaantiin Falastiin, Mohaamud Abbas ajjeechicha gocha hameenyaa fi balaa qabeessa jedhanii balaalefataniiru. Mootummaan Tarikii ibsa baaseen ajjeechichi waan qaaniiti jedheera. Mootummaan Raashaa gochichi ajjeechaa Siyaasaa fudhatama hin qabneedhaa jechuudhaan deebii kennee jira.
Ministeerii dhimma alaa Yunaayitid Isteetis Antonii Biliinken Roobii har’aa biyya Singaapoor irraa ibsa kennaniin waa’ee Ajeechaa Hogganaa Hamaas otuu hin kaasin, “Yeroo ammaa kana wanti ani isinitti himuu danda’u barbaachisummaa dhukaasa dhaabuu bira ga’uu irraa wanti nama dhaabu hin jiru jedheen yaada” jechuun isaanii gabaasameera.