Hoogganaan Milishaa Jaanjaawid Duraanii Himannaalee Mana-murtii Yakkaa Idil-Addunyaatti Itti Dhihaatan Mara ni Haalan  

  • VOA

Suuraa Mana Murtii 'ICC' irraa karaa ANP Ebla 4 2022 argame, Hhgganaa duraanii hidhatootaa Sudaan Kaabaa Milishoota jaanjaawiid Ali Muhammad Ali Abdal Rahmaan mana murtii keessatti

Hogganaan duraanii Milishaa Jaanjaawiid yakkaa waraanaa Sudaan kaabaa Darfuur keessatti raawateen himatamanii mana murtii yakkaa adduunyaata irratti dhihaatanii himannaa irratti dhihaatee 31 hundumaa hin raawwannee jechuudhaan alaniiru.

Ali Kushh’ib maqa jedhuun kan beekaman Ali Muhaammad Ali Abd al Rahman , himanna isaan irratti dhihaateef deebii kennaniin , > jechuudhaan mormaniiru.

Abbaan langaa mana murtii yakkaa aduunyaa Karim Khaan gama isaaniitiin ragaalee qaban ibsuudhaan bara 2003 ammaa bara 2004 gidduutti yakkaa himatamichii raawwataniiru jedhan ibsaniiru.

Dhimmaa Daarfur isaa dhaabbanii Mootumootaa gamtoomanii namoonii 300,000 du’anii Miiliyoonni 2.7 immoo jireenyaa isaanii irraa buqa’uu isaanii beeksisee irratti, yemmuu himannaan mana murtii yakka adduunyaa irratti ilaalamu inni kun isa jalqabaati.