Hoogganoonni Koree Furmaata Barbaachaa Musliimotaa Hagi Tokko Kanneen Hiikaman Keessa Jiran

  • Namoo Daandii

Hoogganoonni Koree Furmaata Barbaachaa Musliimotaa Hagi Tokko Kanneen Hiikaman Keessa Jiran (Suuraa Faayilii)

Mootummaan Itiyoophiyaa jala-bultii waggaa haaraatti hidhamtoota 720 gad-lakkise keessaa, kanneen ammaan dura shororkeessummaan shakkamanii hidhamanii turan – miseensonni koree furmaata barabaachaa Musliimotaa jiraachuun beekamee jira.

Kanneen Qaalittii, Ziwaay, Dirre-dawaa fi Shawaa-roobititti argaman Manneen-sirreessaa Federaalaa, akkasumas – kanneen bakka-bu’ummaan hojjetan – manneen sirreessaa Naannoo Kibbaa, Tigiraayii fi Harar jiran irraa akka dhiifamni godhamuuf kanneen Boordii Dhiifamaatti dhihaatan – hidhamtoota 755 keessaa 720mni ulaagaa barbaachisu guutuuun kan hiikaman ta’uu isaanii ti, Mootummaan ka beeksise.

Hoogganoota Koree formaata barbaachaa Musliimota Itiyoophiyaa keessaa namoonni sadii – hidhaa waggoota afurii tii booda gad-lakkisaman.

Miseensonni koree sanaa hafan akka hiikaman kanneen gaafatan – deggertoonni isaanii amma illee akka hidhamanii jiran – dubbatu.

Kanumaan wal-qabatee “Yemusliim Guddaayooch – jechuun, Dhimmoota Musliimaa” gaazzexaa jedhamuuf qopheessaa ol’aanaa ka ture – gaazzexeessaa Yooseef Getaachew, hidhaa waggoota afurii tii booda gad-lakkisamuu isaatti ka gammade ta’uu --- gareen mirga gaazzexeessotaaf galmu – CPJn beeksisee jira. “Yooseef, duraanuu hidhamuun irra hin turre” jedha – gareen kun.

Kanneen otuu “hojii ogummaa isaanii hojjetanii hidhan” ittiin jedhu – gaazzexeessota hafan kaan illee Mootummaan Itiyoophiyaa akka hiiku gaafatee jira – CPJN.

Gabaasa guutuu kana cuqaasuun dhaggeeffadha