Pireezidaantiin Paaleestiin Mahammud Abbaas baga gammadde jechuun mootummaan isaanii waadaa nagaaf gale cichoominaan kan itti fufu ta’uu ibsuun Yuunaayiditid Isteetisi fedhii seera qabeessummaa uummata Paaleestiin ni deeggarti amantaa jedhus nan qaba jedhaniiru. Kaataar waraanni Gaazaa keessaa akka dhaabbatuu fi booji’amtoonni akka gadhiifamaniif marii taasifamaa jiruuf shoora olaanaa ba’achaa kan jirtu karaa Emiir ishee Sheeyiik Tamiim Biin Hamad Al Tihanii Doonaaldi Tiraampiin bagga gammadde jechuun biyyi isaanii Yuunaayitid Isteetisi waliin nageenya naannoo fi addunyaa irratti akka hojjettus dhaamaniiru.
Pireezidaantiin Tarkii Xaayiib Erdaagaan barreeffama fuula miidiyaa “x” irrti maxxanseen hiriyaa koo Tiraampi qabsoo guddaa sanaan booda baga injifatte jedhee raafamni akka Addunyaatti jiru keessumaa waraanni gidduu galeesaa akkasumas kan Yuukireenii fi Raashiyaa xumura argata jedheen abdadhas jedhaniiru. Chaansilarri Jarman Oolaaf Shooltiz Roobii kaleessaa ergaa Teleeviziyoonaan dabarsaniin waantoonni baay’een bulchiinsa Doonaaldi Tiraampi jalatti adda ta’uu malu jedhanii biyyi isaanii Jarman Yuunaayitid Isteetisi waliin michuu amanamaa kan Atilaantik ta’uun itti fuftis jedhan.
SEE ALSO: Itti Aantuu Pireezidaantii Yunaaytid Isteets Haaris Filannoo Mo'amuun Booda Haasaa TaasisanMnistirri muummee Cheek Piteer Fiyalaa fuula miidiyaa hawwaasaa “x” irratti maxxansaniin bulchinsoonni jijiiramanis galmoonni Cheek Rippaabilikii fi Yuunaayitid Isteetisi gidduu sadarkaa olaanaan itti fufu jedhan. Ministira muummee Kanaadaa kan ta’an Jastiin Tiruudoo Tiraampiin baga gammadde jedhanii hariiroon Kanaadaa fi Yuunaayitid Isteetisi gidduu jiru Addunyaaf kakka’umsa, ani Pireezidaanti Tiraampiin nan beeka uummata keenya lamaaniif carraa dabalataa, badhaadhina fi nageenya fiduuf waliin hojjennas jedhaniiru.
Pireezidaantiin Meeksiikoo ji’a darbe kana gara aangootti kan dhufte Kilaawudiyaa Sheenbaawuum Roobbii kaleessaa oduu gabaastotaaf akka ibsiteetti baga gammadde jechuuf sagaleen lakka’amee hanga xumuramutti akka eegduu fi sababni yaaddoofnuuf hin jiru jettee Yuunaayitid Isteetisi waliin hariiroo gaariis ni qabaanna jechuun dubbatte.
Pireezidaantiin Filiippiinsi Ferdinaandi Maarqoos , Afgaanistaanitti hooggantoonni Taalibaan Bireezidaantonni Braazil , Arjeentinaa fi Afiriikaa kibbaas ergaawwan isaanii dabarsataniiru. Hoogganaan dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereezhis Doonaald Tiraampiin baga gammadde jedhaniiru.