Hooggantuun garee mormituu Itiyoophiyaa Yeroof Waltajjii Siyaasaa Dhiisuuf Deemu

Dura teessuu paartii tokkummaa demokraasii fi haqaa ykn UDJ jedhamuu hidhaa dhaa kan gad lakkisaman baatii Onkoloolessa darbee ture. Aadde Butukaan kan urrguramee jiru sochii garee mormitoota polotiikaatti lubbuu horu jedhamee abdatamaa ture.

Aadde birtukan qabsaa’ota mormitootaa kanneen filannoo falmisiisaa bara 2005 booda hidhaan umurii guutuu itti murtaa’ee ture keessaa tokko. Kanneen kaan dhiifamni godhameefii hidhaa dhaa gad dhiifaman, aadde Bitukaan garuu erga mootummaan qajeelfama dhiifama godhameef sanaa cabsan jechuun himatee booda hidhaatti deebi’an.

Aadde Birtukaan hidhaa dhaa wayita gad dhiifaman jechuunis filannoon geggeessamee baatii afru booda jechuu dha, tuuta oduuf ibsa kennaniin waa’ee egeree yaaduuf yeroo akka barbaadan dubbatan. Gara United Statestti imaluuf kan jiran ta’uus ibsan.