Horro Guduruu Wallaggaa Keessatti Buqqatoonni Gargaarsa Dhabuun Akka Rakkataa jiran Dubbatu 

Your browser doesn’t support HTML5

Naannoo Oromiyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu keessaa sababaa rakkoo nageenyaatiin buqqa'anii Dhaabbata Leenjii Teeknikaafi Ogummaa keessa ka qubatanii jiran tahuu namootni dubbatan gargaarsa dhabuun akka rakkataa jiran Sagalee Ameerikaatti himan. Daa'immanillee beelarraan kan kahe nu jalaa dhukkubsataa jiru, jedhu buqqaatota keessaa hagi tokko.


Mootummaan Naannoo Oromiyaa namoota dhabamuu nageenyaan buqqa'an gargaaruufi qe'ee isaaniitti deebisuuf hojjataan jira jedheera.