Ibsa Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa

  • VOA

Gorsituun Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Sooliyaanaa Shimallis

Boordiin filannoo Itiyoophiyaa filannoo biyyoolessaa Wiixata torban dhufuu Itiyoophiyaa keessatti geggeessamuuf qophiileen xumuramuu ibsa kaleessa kenneen beeksisee jira.

Waraqaaleen sagalee ittiin kennan kaleessa galgala irraa jalqabee gara naannoolee adda addaatti akka ergaman ka dubbatan gorsituun Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Sooliyaanaa Shimallis akka lammiileen sagalee kennan jajjabeessuunis jalqabamee jira jedhan.

Taajjabdoota biyya keessaa kuma 25niif eyyamni kennamuullee beeksisan. Sababaalee rakkoo nageenyaa fi ka birootiin naannooleen filannoo torban dhufu sagaleen keessatti hin kennamne 59 keessatti Qaammee tokko filannoon ka geggeessamu tahuu ibsan gorsituun Komiyunikeeshinii Boordichaa.

Gabaasaa Exskindir Firew ergee caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Ibsa Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa