Bulchiinsa naanno Amaaraa magaala Qobbootti itti gaafatamaa waajjira paartii Badhaadhinaa kan ta’an Obbo Deribee Belexee gaafa Dilbataa Onkoloolessa 30 bara 2017 ajjeefamuu isaanii haanga’onni beeksisaniiru.
Obbo Deribeen kan ajjeefaman Dilbata ganamaa naannoo Sa’atii sadiitti Hoteela Mikaa’el Solomoon jedhamee beekamuu ittuu namoottan biroo wajjin taa’anii jiranuu dhukaasa hidhattoonii raawwataniin akka ta’e namoottan bakka sana turaniifi nageenyaa isaaniitiif jechaa akka maqaan isaanii hin dhahamnee gaafatan ibsaniiru.
Haleellaa raawwatame kanaan namoonni biroo lamas madaa’uun isaanii beekameera. Haleellaa hidhatoottaan raawwatame Kanaan, dargaggeessi rigaa gurguraa ture tokkos erga madaa’ee boodaa gara galgalaa lubuun isaa akka darbe namoottan ijaan argan sagalee Amerikaati himanii jiru.
Hojjataan hospitaala qobboo maqaan isaanii akka dhahamu hin barbaanne, namoottan madaa’an hospitaala keessatti waldhaanamaa jiraachuu isaanii himanii, haalaa namoottan sun irra jiran ibsuu irraa of qusataniiru.
Obbo Deribeen kanaan dura hogganaa bulchiinsa magaalaa qobboo kan turan yemmuu ta’u, ajjeefamuu isaanii fuulaa miidiyaa hawaasaa ofii irratti kan mirkaaneessan hogganaan paartii Badhaadhinaa godina Walloo kaabaa obbo Kadir Musxafaa ajjeechaa sana kan raawwattan gareewwan saba Amaaraatiif qabsoofnaa jedhan akka ta’an ibsaniiru.
Dhimichaa irratti haanga’ota mootummaan Feederaalaa fi kan bulchiinsa naannoo Amaaraa, akkasumas garee hidhatootaa naannoo sana keessa akka socho’u beekamuufi “ Faannoo” jedhamu irraa ajjeechaa kan ilaalchisee amma ammaatti ibsa dabalataa argachuudhaaf yaaliin taasifamee akka hin milkoofne Masfin Arraagee gabaaseera.