Ilhaan Omar Marsaa Lammataaf Injifatan 

  • VOA

Miseensa mana maree Yunaayitid Isteetis kan ta’an ILHAAN Omar paartii dimokraatotaa bakka bu’uuf filannoo geggeessame kan kaleessaa mormituu isaanii qabeenyaa guddaa qaban injifatanii jiran.

Kanneen Minesootaa keessaa sagalee kennan Omaariin deggeuu dhaan sgalee dhibba irraa harka 58 yoo argtan mormituun isaanii Antone Melton-Meaux immoo sagalee dhibba irraa harka 39 argatan.

Illhan Omar filannoo baatii Sadaasa keessa geggeessamuuf marsaa ka biroo injifatu jedhamee eegama.

Dorogommii Minisootaa keessatti geggeessame ka biroo dhaan paartii Ripaablikaanii irraa kan ta’an michelle Fishbaak filannoo miseensommaa mana maree kan paartii ofii kan injifatan yoo ta’u miseensa mana maree dimokraaticha Kollin Petersoniin dorgomuuf jiru.

Konyaa isaan irraa dorgoman deggertoota prezidaant Doonaald Tramp yoo ta’an keessa dimokraaticha safuutti cichaniif yeroo jalqabaaf bara 1990 miseensummaa mana mareef filatamani.

Kutaa Joorjaa gama kibbaa keessaa filannoo paartii Ripaablikaanotaa konyaa 14ffaa Marjorie Taylor Greene, kan mirga qawwee qabaachuu deggerantu filatame.

Greene konyaa deggertoonni ripaablikaanota keessatti heddummaatan keessatti akka injifatan ofitti amantaan dubbataa turan. Wiskaansen keessaa konyaa 3ffaaf kan dorgoman miseensi mana maree dimokraatichi Ron King filannoo bakka bu’ummaa paartii isaanii akka salphaatti injifatan.

Filannoon prezidaantummaa kan biyyoolessaa Sadaasa 3 geggeessamuuf jira. Demokraatonni barcuma mana maree irra jireessa kan qaban yoo ta’u, Ripaablikaanonni immoo barcuma senetii dhuunfatanii jiru.