Ijoollee durbaa waggaa sadii dura garee shororkeessaa Boko Haraamiin qabaman keessaa tokko miliqxee jirti.
Dubbi himaan prezidaant Muhammadu Buhari kana ilaalchisee ibsa itti dabalaa hin kennine, garuu loltoonni Nigeria arganii gara magaalaa galma mootummaatti fiduu isaanii ibsan.
Gareen Islaamummaa kun bara 2014 keessa ture ijoolleen durbaa 276 doormii mana barnootaa Chibok keessaa kan qabaman. Oduun kunis naannoo addunyaatii hedduu rifaasise.
Ijoollee kana keessaa 21 baatii Onkoloolessaa keessa yoo gad dhiisaman kaan immoo tokko tokkoon kaan immoo miliqanii harkaa ba’an.
Ijoolleen 100 amma iyyuu qabamanii jiru. Boko Haram Nigeria keessa seera shariyaa gad dhaabuuf duula shorokeessummaa waggoota 8f geggeesseen uummata kumaan laka’amu galaafate.