Investmentiin Uummata Keenya Miidhuu Kam Iyyuu Fudhatama Hin Qabu: Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Tuujubee Horaa

Itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leencoo

Kampaniin MEDROC godina Gujii aanaa Shaakkisoo laga Dambiitti geggeessaa kan jiru eeyama warqee qotanii baasuu ministriin albuudaa boba’aa fi gaazii uumamaa haaressuufiin isaa gabaasamee jira.

Warshaan kun warqee qotee ennaa baasu keemikaalli inni itti fayyadamu hawaasa naannoo irratti miidhaa inni dhaqqabsiise illee hamaa ta’uun gabaasameera. Mootummaan naannoo Oromiyaa immoo investmentiin kam iyyuu kan uummata keenya miidhu fudhatama hin qabu jechuu dhaan haaromsamuun eeyama MEDROC utuu inni quba hin qabaatin ta’uu ibsee jira.

Kana irratti itti gaafatamaa waajjira kominikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Dr. Nagarii Leencoo ibsa nuuf kennaniin Mootummaan naannoo Oromiyaa eeyama kampanii kanaa haaromsamuu isaa quba hin qabu beekkamtiis hin kenninu jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

Investmentiin Uummata Keenya Miidhuu Kam Iyyuu Fudhatama Hin Qabu: Mootummaa Naannoo Oromiyaa