Iraan Yaada Jabaan Dhiyaachuu Gama Kaan Mufachise

  • VOA

Dubbii himaa ministira haajaa alaa Iraan

Marii yeroo dheeraaf duubatti harkifatee ture kan waa’ee sagantaa Nukleera Iraan irratti mariin yeroo jalqabamuu Iraan yaada jabaan kaatee jirti. Iraan gad qottee dubbachuu isheen, michoota mariif argam akka mufannaa qabanii fi haalli hammaachuu isaa ifatti dubbatan.

Yunaaytid Isteetes biyyonni Awuroopaa fi michuu Iraan kan taatee Raashiyaan ituu hin hafiin Iraan dhugumaan marii kanaaf ilaalcha kennuu ishee kan ilaaleen gaaffii kaasan.

Kaayyoon marii kanaa waliigaltee bara 2015 Iraan sagantaa Nukleeraa ishee yoo daangeessite, ugguura dinagdee irra ka’amee kaafna isa jedhutti lubbuu horuu irratti fulleefachuuf ture.

Marii kana keessa kan hin jirree Israa’eel , ba’ii marii kanaa irraa waan eegdu qabdi.Mummichi Ministeera Israa’eel Dilbata kaleessaa akka jedhanti, Iraan sochii Nukleeraa gaggeessaa jirtuuf gatii baasuuf jirti jedhan.