AMBOO —
Irreechi Malkaa Soor, godina Iluu Abbaaboor, aanaa Mattuu keessattiDilbata darbe kabajamuu Waajjirri Aadaa fi Tuuriizimii godinichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Wandimmuu Dabalaa akka jedhanitti, Irreechi Malkaa Soor, bakka hirmaattotni naannolee ollaa akka Gaambellaa fi Kibba Lixaa argamanitti sirna how’aan kabajamuu isaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himan.
Hirmaattotni Gaambellaa fi Kibba Lixaa sirnicharratti argamanillee, Ayyaanni akkanaa waliin kabajuun walitti dhufeenya uummata gargarii jidduu jiru ni cimsa jechuun dubbataniiru.
Your browser doesn’t support HTML5