Miseensonni Hooggana ABO Lama Mana Hidhaatti Dhukkubsatanii Wal’ansa Dhaban, Jedhu Abukaatoon Isaanii  

  • VOA

Ethiopia Armed Groups Return

Your browser doesn’t support HTML5

Hooggantoota ABO mana hidhaatit dhibamanii wallaansa dhaban

Miseensa Koree Shanee Gumii ABO kan ta'an obbo Mikaa'el Booraniifi Miseensa Gumii Sababa kan ta'an obbo Kennasaa Ayyaanaa mana hidhaa keessatti dhukkubsatanii wallaansa hin arganne jechuun Abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baay'isaa VOAtti dubbatan.

Dubbi-himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetaachoo Baalchaa gama isaaniin namni dhukkubsate kamiyyuu, kan mana hidhaa keessa jirullee taanaan yaalamuuf mirga qaba, jedhanii haala misoonsota hooggana ABO lameenii kan quba hin qabne tahuu dubbatan.

Komishinii Poolisii Oromiyaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin goone har'aaf hin milkoofne