Waraanni Israa’el Jimaata har’a haleellaa qilleensa irraa daangaa Siiriyaa fi Lebaanan naannoo ganda Jantaatiti argamu irratti “bu’uuraalee irratti xiyyeeffachuun gaggeessuu isaa gabaasee jira. Iddoon kun meeshaa waraanaa gara garee hidhate kan Hizbullaah geessuuf oola jedhe.
Humni qilleensaa Israa’el har’a dursee akka beeksiseetti “bu’uuraalee meeshaa waraanaa karaa Siriiyaa gara dhaabbata shororkeessummaa Hizbullah Libaananti argamutti geessuuf itti fayyadamaa turan bakka qaxxaamuraa Jantaa daangaa Siiriyaa fi Libaanos irratti argamutti rukuteera,” jechuu isaa ibsi waraanni biyyattii baaseen beeksiseera.
Haleellaan kun gama Siiriyaa ykn gama Libaananiin kan gaggeeffame ta’uun isaa kan hin ibsine yoo ta’u, waraanni Libaanan, Israa’el “abbaa biyyummaa Lebaanan haleeluu fi magaalotaa fi gandoota kibbaa barbadeessuudhaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsite” jechuun erga himatee guyyaa tokko booda kan raawwatamedha.
Naannoo Jantaatti bakki qaxxaamuraa beekamaan hin jiru garuu naannoon sun qaxxaamuraa seeraan alaatiin beekama.
Humnootiin nagaa eegsisan kan Tokkummaa Mootummootaa Lebaanan kibbaa keessa jiran, humnoonni Israa'el Lebaanan kibbaa keessatti ''badiisni itti fufee jiru'' yaaddeessaa ta’u isaa ibseera.
Waraanni Israa’el akka jedhetti haleellaan Jimaata har’a raawwatame meeshaaleen waraanaa Hizbullaah harka akka hin seennee gochuu irratti kan kaayyeffate yoo ta’u, isaan waliin waraana lafoo fi qilleensaa waggaa tokkoo oliif hanga dhukaasa dhaabuun ji’a darbe irratti waliigargameetti gaggeessaa turan.