Waldhabdee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru Keeniyaa fi Ugaandaan jaarsummaan gidduu seenuuf kan karoorfatan Itiyoophiyaan akka simattu ministirri haajaa alaa ishee beeksiise. Dubbii Pireezidaaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo Sanbata dabarsine yaa’ii dureewwan biyyoota baha Afiriikaa marsaa 24ffaa Taanzaaniyaatti taa’amaa ture irratti dubbataniin waldhabdeen Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa nageenya gaanfa Afrikaa balaaf kan saaxilu jechuun rakkicha hiikuun mootummaan isanii kan Ugaandaa Yuweerii Museeveenii waliin ta’uun walitti fiduuf akka jiran himan ilaalchisuun dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Nabiyaat Geetaacheew Kamisa har’aa Sdaasa 26 bara 2017 ibsa sabaa himaaleef kennaniin Itiyoophiyaan jalqabarraayyuu kaasee wal dhabdee kamiyyuu karaa marii fi nagaa hiikuu irratti ejjennoo dhaabbataa qabdi jedhaniiru.
Gama Mootummaa Somaaliyaan dhimma jaarsumummaan Keeniyaa fi Ugaandaan gidduu seenna jedhanirratti hanga amaatti waan jedhe hin qabu. Kana dura garuu hanga walii galteen mallatta’e sun guutumaan haqamutti waliin dubbiif akka hin teeny Ibsee ture.
Mootummaan Itiyoophiyaa Somaaleeladi waliin walii galtee wal hubannaa hulaa galaanaa ishee fayyadchiisu mallatteessuu hordofee gama mootummaa Somaaliyaan dheekkamsa kan kaase kana hordofees humni waraanaa Itiyoophiyaa kan gola nagaa Gamtaa Afirikaan nagaa eegsiisuuf Somaaliyaa keessa jiru bara haaraa kanatti akka ba’u beeksiifteetti. Dubbii himaan Ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Nebiyaat ibsa isaa har’aa keessatti waa’ee humni waraanaa Itiyoophiyaa ba’uu fi dhiisuu irratti ifatti dubbachuu baatus Gama Somaaliyaa irraa dubbiiwwan tuttuqqii fi kan itti gaafatamumaan itti hir’ate baay’een dhaga’amanis Itiyoophiyaan Itti gaafatamummaa nageenyaa fi tasgabbii eegsiisuu naannichatti ba’atu irraa duubatti hin jettu jedheera. Kanas kan gootu nannicharra darbee Addunyaaf balaa kan ta’an gareewwan akka Alshabab waraanuu itti fuftis jedheera.
Dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa ibsa isaa har’aa keessatti dhimmoota hedduu irratti ibsa kan kenne yommuu ta’u lammilee Itiyoophiyaa kanneen namoota seeraan ala nama daddabarsaniin gowwoomfamanii Mayinaamar seenuun rakkoof saaxilamanii jiranii gadhiisisuuf Imbaasiin Itiyoophiyaa Jaappaanitti argamu ministira haajaa alaa Meeyinaamaar waliin dubbachaa jiras jedhaniiru.