Your browser doesn’t support HTML5
"Akka isin tajaajilluuf haguuggii afaanii fi funyaanii godhadha" sagantaa jedhuun sadarkaa biyyaatti sosochiin COVID-19 of irraa ittisuu Ministeera Fayyaa Itoophiyaatiin jalqabamee jira.
Sagantaa kana irratti Ministarri Fayyaa Itoophiyaa Dr.Liyaa Taaddasa sadarkaan COVID 19 irra jiru yaaddessaa ta'uu ibsan.
Akka biyyaatti ennaa ilaalamu tatamsa'inni vaayirasichaa magaalaa Finfinneetti akka hammaates kan himame yoo tahu namoota dhiibee kanaan qabamaan keessaa dhibba irraa harki 57 jiraattota magaalattii ta'uun tahuu tu ibsame.