Itiyoophiyaa Keessatti Namoonni Sababii Siyaasaa fi Yaada Sammuu Isaanif Hidhaman Hin Jiran: Mootummaa

  • VOA

Marii mootummaa fi paartiiwwaan mormituu

Ajandaalee irratti duddubatamuu qabu jedhan irratti marii gaggeessan kan xumuran paartiinbiyya bulchaa jiru IHADIG fi paartleen mormituu 16 marii isa ijoo jalqabuuf murteessanii jiru.Seera farra shoroorkaa dabalatee labsiiwwan mormiitonni dhiyeessan irratti duddubachuuf tole kan jedhe paartiin Itiyoophiyaa bulchaa jiru garu namoota sababaa siyaasaa fi yaada sammuu isaaniif jecha hidhaman Itiyoophiyaa keessa waan hin jirreef akka ajandaatti qabamee irratti dudubbatamuu hin qabu jedhee jira.

Mormitoonni immoo yeroo seera farra shoroorkaa irratti duddubannu wal qabsiifnee kaasuu dandeenya jechuun falman. IHAADIIG garuu kanneen seeraan ala hidhaman yoo jiraatan qofa labsiwwan waliin wal qabsiifnee kaasuu dandeenye jechuun morme. Gabaasa ergamee caqasaa

Your browser doesn’t support HTML5

Itiyoophiyaa keessatti sababii Siyaasaa fi Yaada sammuu isaanif Hidhaman Hin Jiran: Mootummaa