Ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa naannoo Kibxata darbe gaafa Fulbaana 28 bara 2017 galagala sa’aatii 12 irraa kaasee daballiin gatii bittaa boba’aa irratti taasifamuu beeksiiseera. Haala kanaanis Gatiiin beenzinaa Litiriin tokko kanaan dura birrii 82 fi saantima 60 kan ture birrii 91 akka ta’u, Naafxaan immoo gatiin duraaan irra ture irraa daballii birrii ja’aa fi saantima 50 godhachuun litiriin tokko birrii 90 akka ta’u murtaa’eera. Gorsaa minsitira daldalaa fi walitti hidhatainsa naannoo kan ta’an Obbo Ahimad Tusaa daballii gatii boba’aa kanaaf sababa kan jedhan inni duraa gatiin boba’aa akka addunyaatti dabaluu fi dhiyyeenya Itiyoophiyaan sireeffama sharafa alaa irratti taasifteen gatiin doolaaraa dabaluu dha jechuun sagalee Ameerikaaf ibsaniiru.
Namoonni magaalaa Finfinnee keessatti tajaajila geejibaa kennaa jiran sagalee Ameerikaaf yaada isaanii kennaniin daballiin gatii boba’aa irratti taasifame kun hojii isaanii akka miidhuu fi taajajilamtoonnillee isaan jalaa akka baqatan taasisuu dubbataniiru. Obbo Amhimad Tusaa gorsaan ministira daladalaa fi walitti hidhatinsa naannoo immoo daballiin amma bob’aa irratti taasifame gatii harki caalaa mootummaan waan kaffaluuf malee osoo kallattiin gara uummataatti gadi bu’e kana caalaa ta’a jedhanii daballii gatii boba’aa kanaan dura taasifameerurra inni kun guddaadha hin jedhamus jedhanii , daballii gatii boba’aa kana sababeeffachuun shaqatoota irratti daballii gatii humnaa olii taasisuunis fudhatama hin qabus jedhaniiru. Mootummaan deeggarsa gatii boba’aaf waggaatti hanga birrii biiliyoona 100 baasa kan jedhan Obbo Ahimad Tusaa , kunimmoo waggaa tokko kana keessatti guutummaa guutuutti ni dhaabbata jedhanii sirreeffamni gatii boba’aa kun gara fuuladuraatti ji’a sadii sadiinis ni taasifama jedhaniiru jechuun Finfinneerraa G/Mikaa’eel G/Medihiinitu gabaase.