Guutuummaa Itiyoophiyaa keessatti Kibxata Caamsaa 30 bara 2016 kaasee tajaajiilli Intarnetti guutummaa Itiyoophiyaa keessatti cufamuu aangawooni mootummaa kamiisa Waxabajjii 1 bara 2016 beeksisuu isaanii dhaabbatti Oduu Rooytars gabaasee jira.
Waajiira dhimmootii komunikeeshinii mootummaa Itiyoophiyaa irraa Obbo Mahammad See’id Roytarsiif akka ibsanti qormaata kutaa kudhanii fi kudha lamaa akka bara darbee miliqee ba’uun marsariitii hawaasaa irratti akka hin maxxanfamne gochuuf dursinee cufne jedhan.
Waggaa darbe qormaanni miliqee ba’e jedhamuun marsariitii hawaasaa irratti waan facaafameef jecha mootummaan Itiyoophiyaa qormaatas ta’e yeroo itti kennamuu qabu jijjiruuf dirqamuun isaa ni yaadatama.Sun lamuu akka hin deebine gochuuf intarneetti cufnee jedhu aangawaan kun akka Roytars gabaseetti.
Garu tajaajiilli kun yoom akka jalqabamuu hin ibsiin hafan.
Your browser doesn’t support HTML5