Jaarmayaaleen Mirga Dhala-namaa Gaanfa Afrikaaf Falman Gamtaan Hojjechuu Eegalan

  • Namoo Daandii

Duraan Prezidaantii Mana-murtii Muummichaa Oromiyaa ka taranii fi amma Liigii Mirga Dhala-namaa Gaanfa Afrikaa, Waajira UKf kan hojjetan ObbO Tashaalee Abarraa akka jedhanitti, kaayyoon walga'ii kanaa inni duraa haala mirga dhala-namaa Gaanfa Afrikaa, keessumaa kan Itiyoophiyaa yeroo ammaa hammaataa dhufe - jedhan irratti odeeffannoo qabatamaa wal-jijjiiruu fi hubannoo tokko qabaachuu, ka lammataa immoo dhaabbatoonni mirga dhala-namaa naannoo sanatti fuuleffatanii hojjetan akkaataa walitti-dhufanii gamtaan hojjetan irratti haala sirna qabu tokko miijessuu dha. Jaarmayicha Mirga dhala-namaa ka sadarkaa Addunyaa, Amnestii Internaashinaal dabalatee hoogganoonni jaarmayaalee ka biroo illee konferensii kanatti hirmaatuu dubbatu, Obbo Tashaaleen.

Qophii guutuu waa'ee konfernsii kanaa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.