Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) gaaffii deeggarsa dhiyaate irratti mari’achuuf daawwannaa Ityoophiyaa keessatti gaggeesse Kibxata kaleessaa waliigalteerra osoo hin ga’iin, xumuree jira.
Kunis, biyyi Afrikaa Bahaa kun waadaa liqeessitoota idil-addunyaa seentee turte guutuu dadhabuu isheen ta’uun ibsamee jira.
“Gareen kun akkaataa IMF sagantaa dinagdee aangawootaa deeggaru itti danda’u hundeessuuf jijjiirama qabatamaa agarsiiseera.” Mariin kun dhuma baatii kanaa Waashingitanitti itti fufa jedha jaarmayaan maallaqa addunyaa ykn IMF.
Garuu Kilabiin biyyoota liqaa misoomaa kan Paaris kan Chaayinaa itti hin dabalanne bara darbe akka jedhetti, yoo Itiyoophiyaan hanga Bitooteessa 31tti liqii IMFtti hin mirkanoofne, waliigaltee kaffaltii liqaa Itoophiyaa hanga bara 2025tti addaan kutuuf ture haqamuu akka danda’u ibseera.
Miseensonni Kilabii Paaris yeroo bellamamee sanatti hojiirra oolchuu fi dhiisuu isaanii ifa hin turre. Itoophiyaan jalqaba bara 2023 Chaayinaa waliin waliigaltee addaa kan tajaajila liqaa addaan kutuu irra geesseetti. Itiyoophiyaan sagantaa liqii maallaqa waliin qabdu yeroo dhumaaf dhuma bara 2022 erga xumuramee as sagantaa jaarmayaa Maallaqqa Addunyaa malee turte.
Ji'a Muddee keessa Itiyoophiyaan Yuurooboondii Doolaara biiliyoona tokkoo irratti waggoota hamma kana kaffaltii raawwachuu dhabuu isheetiin biyya Afrikaa sadaffaa taateetti.
Mootummaan federaalaa fi Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) waldhabdee hidhannoo waggoota lamaaf ture xumuruuf waliigaltee mallatteessanii booda, diinagdeen Itiyoophiyaa qaala'iinsa jireenyaa olaanaa, hanqina sharafa maallaqa jabaa fi kaffaltiin liqaa biyya alaa guddachaa dhufe irraa kan ka'e, raafamaa jira.
Liqiin alaa waliigalaan biyyattii irra jiru dhuma baatii Bitooteessaatti, doolaara Miiliyoona 28.2 akka ta’e ragaan mootummaa ni mul’isa. kunis boondii idil-addunyaa doolaara Biiliyoona 1 baatii Muddee 2024tti baafamuu qabu dabalata.
liqeessitoonni Chaayinaa bara 2006 fi 2022 gidduutti liqii doolaara biiliyoona 14 ol Itiyoophiyaaf kennuuf waadaa galanii turan jedha Yunivarsiitiin Booston.