Korri waggaa kan Tokkummaa Mootummootaa magaala Niiw yoork keessatti gaggeeffamaa yeroo jiru kanatti, jaarmayoonni 30 wal ta’uun barreessaa duree Tokkummaa Mootummootaa Antoniyoo Gutarreesii fi biyyoota miseensa dhaabbataa kan gola naga eegumsaa ta’aniif har’a xalayaa dhiyeessanii jiru.
Kunis hokkaraa fi beela Tigraay keessaa xumura akka argatuuf tarkaanfiin hatattamaa haa fudhatamuu gaaffii jedhu qaba.
Baatii Sdaasa bara 2020 kaasee uummanni siviliin kan Itiyoophiyaa gama kaabaa gargaarsa dhala namaa, tajaajiila baankii fi qunnamtii jiran irraa cituun uummannii miliyoona tokko ta’u haala beela fakkaatu keessa akka jiran akkasumas hedduun qarqara afaan beelaa irra kan jiran ta’u ibsee jira.
Wal waraansii kutaa sana keessatti gaggeeffamee hokkara saalaa dabalatee dhiittaa mirga namoomaa bal’aa geesisuu akkasumas nama beeleessuu akka meeshaa waaraanaatti gargaaramuu fi uummata hedduminaan godaansisuun akka jiru ibsee jira.