Jaarrolee fi Abbootiin Gadaa ABO fi ODP walti yaamanii, korma qalatanii araarsanii waliin nagaa labsan.Araara kanaan maan jettan?

ODP fi ABO

Your browser doesn’t support HTML5

Araara ABO fi ODP

Jaarrolee fi abbootiin Gadaa paartii Oromoo lamaan,ABO fi PDO korma itti qalanii, araara kanallee jaarsaa fi jaartii itti yaamanii Ambootti fixanii waliin nagaa labsan.

Akkuma kanaan ABOn waraana isaa alaa galchee leenjii ji’a lamaatiif kaambiitti galcha.

Waraanii sun fedhu milishaa naannoo Oromiyaatti dabalamaa fedhu ammoo jireennuma ufii jiraata. Waraanii ABO ulfinnaa alaa gala.

ABO fi Mootummaa waan akkanaa hedduu irratti walii galanii hujiitti jiran.Araara kanaan isan maan jettan? Waan namii jedhee kunoo tanaa caqasaa.