Jabuutiin Proojekti Daldalaa "Afrikaa Kessatti Guddicha Ta'e" Jettu Eebbisiiste

  • VOA

Mootummaan Jabuutii, sirna hoogganoonni biyyooa Afrikaa gama Bahaa guutummaatti irratti argaman irratti, torban dabre, proojektii “Godinaa daldalaa guutummaa Afrikaa keessatti isa guddicha” jettu eebsiistee jirti.

Ka bal’ina Kaaree-meetira 48tii bal’atu - Proojektichi hojjetamee xumuramuuf waggaa kudhan ka fudhatu yoo tahu, akka karoofametti ennaa xumuramu dinagdee Jabuutii dhibba irraa harka kudha-tokkoon akka guddisu – muummichi-ministaraa biyyattii – Abdul-qaadir Kamiil Mohaammed, sirna sana irratti ibsanii jiran.

Gama biraatiin immoo, proojekticha hojjetanii xumuruuf kan baafamu – maallaqni doolaara biliyoona sadi’iif walakkaa tahu irra-jireessi kan Chaayinaa irraa liqiin fudhatamu waan taheef, idaa biyya xiqqoo sanaa, akkaataa rifaasisaatti ol kaasuu mala – yaaddoo jedhu tu jira.