Bara xaaliyaanii Itiyoophiyaa weerartee qabatteetti umriin isaanii 15 ta’u kan ibsamee Jaagamaa Keelloo muxannoo waraanaa ituu hin qabaatiin akkasumas waamicha biyyaa ituu hin dhiyaatiin duula waraanaatti bobba’uun isaanii ibsamee jira. Addis Alam keessatti wal waraansa gaggeeffameen gootummaan isaanii kan mul’ate Jaagamaan70 ajjesanii 80 boji’uu meeshaa waraanaa 3500 dhunfachuun isaanii kanneen isaan beekan keessaa tokko Janaraal Waasihuun Nigaatu ibsanii jiran.
Prezidaantiin Itiyoophiyaa duraanii Girmaa Walda Gorgiis “Jaagamaan lammii fi goota guddaa ture” jedhan . Jaagamaan muudama aangoo waraanaa fi badhaasa sadarkaa addaa addaa argachuu isaanii ibsamee jira.Letenaa Janaraal jagamaa Keelloo umrii isaanii 96tti jimaata darbe du’an kan boqotan yoo ta’u sirnii awwaalcha isaaniin sambata darbee Bitooteessa 28 bara 2009 kaatedraalii Sillaasee keessatti gaggeeffame.
Letenaa Janaraal Jaagamaan haadha warraa fi ijoollee 6 qabu turan.
Your browser doesn’t support HTML5