Jarman Keessatti Hojjattoota Oguuma Qaban Argachuun Rakkisaa Ta’aa Jira

  • VOA

Namoota alaabaa Jarman qabatanii haasaa hogganaa paartii tokkoo dhaggeeffatan, Hagayya 13, 2024.

Filannoon Jarmanii keessatti gaggeeffamuun paartiin mirga akkaan leellisu “Alternative for Germany” jedhamu Jarmanii bahaa keessatti aangoo guddaa argachaa waan dhufeef, kaampaanileen achi jiran hojjettoota ogummaa qaban kan biyya alaa baay’ee barbaadan hawwachuuf rakkachaa dhufaniiru. Filannoo kutaalee biyyaa Fulbaana 1 kutaalee bahaa sadan keessatti gaggeeffamu dura, bakka paartiin mirgaa leellisan filannoo kana irratti dursaa jiru. Kaampaanileen akka jedhanti, paartii Alternative for Germany kutaa sana keessatti daldalaa ykn hojii invastmeentii gaggeessuuf balaa qaba.

Jarmaniin hanqina hojjettoota ogummaa qaban guddaa kan qabdu yoo ta’u ogeeyyiin akka tilmaamanitti, humni hojjetaa dadhabaa fi xiqqaachaa waan dhufeef waggaatti godaantota ogummaa qaban gara 400,000 ishee barbaachisa. Garuu hojjettoonni idil-addunyaa naannichi miira farra godaantootaatiin maqaa gaarii maqaa gaarii waan hin qabneef jecha, dhaabbilee teeknooloojii ammayyaa irraa hojii dhihaatu ni didu.

Paartiin mirgaa jabeessee leellisuu Oltarneetiiv foor Jarmanii (AfD) yeroo ammaa kana deeggarsa gara harka30n filannoo kana dursaa kan jiru yoo ta’u, paartii giddu galeessaa mirgaa Kiristaan Dimookiraat harka 21, akkasumas paartii Giddugaleessa bitaa leellisuu-Sooshaal Dimookiraat kan Chaansilara Olaaf Shuulz harka7n wal duraa duubaan dursaa jira.