Jiraattonni Naannoo Warshaa Baala Shaayee Gumaroo Faayidaa nuuf malu warshicharraa argataa hin jirru jedhan

Naanoo warshaan Baala Shaayee Gumaroo itti argamu, Iluu Abbaa Booraa

Godina Iluu Abbaa Booraa jiraattonni Aanaa Aallee warshaa Baala Shaayee Gumaroorraa faayidaa nuuf maluu argataa hin jirruu jechuun komii qaban dubbatan. Keessumaa warshichi yoo qacarrii humna namaa raawwatu, jiraattota naannootiif carraa gaha nuuf hin kennuu jechuun yoo dubbatan warshichi garuu faayidaa hawaasa naannoo eegsisuuf waan narraa eegamu gochaan jiraa jedha. Bulchiinsi aanichaas gama isaan rakkoon kun akka jiru amanee, garuu fuulduraaf haala inni itti furamu warshaa Baala shaayee Gumaroo waliin dubbataa jirra jechuun Itti Aanaan Bulchaa Aanaa Allee Obbo Warraaqaa Ayyaanaa Raadiyoonii VOA’ f himaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Jiraattonni Naannoo Warshaa Baala Shaayee Gumaroo Faayidaa nuuf malu warshicharraa argataa hin jirru jedhan