Kaadhimamtoonni Itti Aantota Prezidaantummaa Caasaa Murtii Haqaa fi Imaammata Alaa Irratti Wal Falman

  • Tuujubee Horaa

Kaadhimamtoonni Itti Aantota Prezidaantummaa Caasaa Murtii Haqaa fi Imaammata Alaa Irratti Wal Falman

Kaadhimamaa itti aanaa presidentii repbulikaanotaa Mike Pence fi ka demokraatotaa Tim Kaine imaammata gareen isaanii dhiyeessan akkasumas dandeettii kaadhimamtoonni presidentummaa Donald Trump fi Hillary Clinton qaban irratti falmii geggeessanii jiran.

Pence fi Kaine filannoon baatii dhuftuu utuu hin ga’in falmii tokkicha geggeessan irratti meeshaa nukleraa, haala Siiriyaa fi jijjiirama murtii haqaa biyya ofii keessaa ilaalchisee haasaa walii addaan kukutaa turan.

Pence Clinton imaammata alaa president Barak leellisu ittiin jechuu dhaan sunis giddu galeessa bahaa to’annaa ala taasise jedhan.

Gareen IS babal’achuu isaaf Clintoniin himatan. Gama biraan Kain akka jedhanitti Trump ofittoo dha jechuun qeeqanii Raashiyaa waliin hidhata daldalaa qaban beeksisuu dhaban jechuu himatan.

Kaadhimamtoonni lamaan siivilota kanneen Sryira gama kaabaa keessaaf eegumsa gochuu irratti walii galaniiru. Pence akka jedhanitti tattaaffii jiru keessaa godinaan balaliin irraa dhorkame akka tolfamuu fi Raashiyaan haleellaa Alepoo irratti geggeessamu keessaa harka qabdi humnootiin US immoo deebii isaa mannii waraana Siiriyaa haleelan.

Falmiin itti aanaa prezidaantii falmii Clinton fi Trump kan Fulbaana 26 geggeessameef kan lammataa Dilbata dhuftu St. Louis keessatti geggeessamuuf yeroo jiru gidduutti geggeessame.