Kaampaanii “Amiiyaa Paawar” jedhamu kun Itiyoophiyaa keessatti Doolaara Miliyoona 600 fi Miliyoona 28n, hojii humna qilleensa irraa maddisiisu jalqabuuf samabata dabree ministeera Maallaqaa kan Itiyoophiyaa waliin walii galtee mallatteessee jira. Ministeera maallaqaa kan ta’an Obbo Ahmad Shidee waliin proojeektii Annisa maddisisuu kana kan mallatteessan dura ta’aa kaampaanii Amiiyaa Paawar kan ta’an Mistar Huseen Al Nowaayis turan.
Abbootiin qabeenya dhuunfaa toora misooma Annisa eleektrikaa maddisiisuu irratti akka hirmaataniif waggaa 6 dura labsiin wal ta’iinsaa kan mootummaa fi namoota dhuunfaa raggaasifamee hojii irra oleera. Sana hordoofee, kaampaaniin kun akka labsii sanaatti gara hojiitti seenuu itti gaafatamaan hojii sadarkaa olaanaa kan ministeera maallaqaa Obbo Abbabaa Gabra Hiwoot sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.
Amiiyaa Paawar bulchiinsa naannoo somaalee Ayishaa keessatti buufata anniisa qilleensa irraa maddisiisuu kan humna meegaa waatii 300 maddisiisuun waggoota 25f mootummaaf dhiyeessuuf yeroo walii galteen mallatteeffamu ibsamee jira. Ammaan dura hojii Annisa Eleektrikaa maddisisuu mootummaan qofti hojjataa akka ture labsii ba’een garu abbootiin qabeenya dhunfaa irratti bobba’uun qilleensa, aduu fi Hurka irra humna maddisisuun mootummaaf akka dhiyeessan ehamamuu ibsameera jechuun Gara Mikaa’el Gabra Medhin Finfinnee irraa gabaasee jira.