Itti-Aantuu Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Nama Filannoo Dhufu Irratti Itti-Aanaa Isaanii Tahanii Dorgoman Filatan 

  • VOA

FAAYILII - Itti-Aantuu Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Kamiilaa Hariis fi bulchaa kutaa Minisootaa kan ta’an Tiim Waalz Minisootaa, Bitootessa 14, 2024.

Filannoo prezidaantummaa Yunaayitid Isteets ji’a Sadaasa keessa taasifamu irratti Partii demokraatotaa bakka bu’uudhaan Prezidaatumaadhaaf kan dorgoman itti antuu Kamiilaa Hariis nama isaanii wajjin aangoo itti anaa prezidaantumaatiif dorgumu guyaa haraa filatanii jiru. Sagalee bakka bu’onni Partii dimokraatotaa karaa toora Masaritiin kenaniin kaadhimamtuu ta’anii ifatti filatamuu isaanii wixata kaleesaa galgalaa kan mirkaneeffattan itti antuu prezidaantiin Kaamilaa Hariis , namma aangoo itti anaa prezidaantumaatiif isaanii wajjin dorgomuu irga filachaa turaanii boodaa guyaa har’aa bulchaa kutaa Minisootaa kan ta’an, Tiim Waalz irratti murteesuun isaanii beekameera.

Nama waggaa 60 kan ta’an Tiim Waalz mirgaa hojjatootaa Amerikaa kabachiisuufi, mirgaa ulfaa baasuu irratti imaammataa paartiin demokiraatotaa qabu naannoo bulchaa jiran keessatti hojii irra olchuudhaaf nama hojjachaa turan akka ta’an maddu oduu Assooshiyeetid Press gabaaseera. Nammii umna waraanaa Amerikaa keesaa wagga 24 tajaajilan Tim Waalz bara 2006 yemmuu miseensa mana maree bakka bu’ootaa ta’anii filataman mirgaa namoottan soorama bahaniif falmuudhaan nama beekamitii horatan akka ta’e gabaasameera.

Kutaan minisootaa senaa siyaasaa Yunaayitid Isteets keessatti yeroo lama itti anaa prezidaatii kan filachiisee yemmuu ta’u, isaaniis Hubert Hamfirey fi Waalter Mondaalee akka ta’an ibsaameera. Kaadhimamummaan Kaamilaa Hariisiifi itti anaa isaanii yaa’ii waliigalaa paartii dimokraatotaa ji’a kana keessaa magaala Chikaagoo keessatti taasifamun raggaasifama.