Paartiin Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO)'n Itoophiyaatti nageenyaa fi tasgabbiin akka jiraatu mootummaa kutannoon hojjachuu qaba jechuun beeksise.
KFO'n gidduu kana yaa’ii waliigalaa geggeessate irratti, motummaan akka gargaarsi namummaa Tigraay qaqqabuu lola dhaabinsi taasisee fi waamichi nagaa dhiheesse, garee mootummichi "Shanee" jedhu, isaan ammoo "Waraana Bilisummaa Oromoo" ofiin jedhanillee bifuma kanaan dhaqqabuu qaba jechuun ibsee jira. Tsahaay Daamxoo dura-taa’aa KFO – Proofessar Mararaa Guddinaa dubbisuun gabaasaa qindeessite caqasaa.
KFOn Mootummaan Waliigaltee Lola Dhaabinsaa Humnoota ADUI Waliin Taasise Hidhattoota Oromiyaa Keessaa Waliinis Gochuu Qaba Jedha
Your browser doesn’t support HTML5