KFOn Godaantota Saawudiitti Ugguramaniif Akka Mootummaan Furmaata Hatattamaa Kennu Gaafate   

Asxaa Paartii Koongirasii Federaalawa Oromoo

Paartiin Koongirasii Federaalawa Oromoo yokaan KFO'n mootummaan Itiyoophiyaa godaantota lammiilee waaltaa tursiisaa Saawudii Arabiyaatti argamaniif hatattamaan qaqqabuuf qaba jechuun ibsa baasee jira.

Hoogganaan waajjira paartichaa obbo Xirunee Gamtaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin, “Paartiin keenya kallattii mootummaan kaa'u hordofuun lammiilee kanaaf deggersa gama isaa gochuuf qophii dha,” jedhan.

Dhimma kana irratti gama mootummaatiin ministeera dhimma alaa Itoophiyaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin goone har'aaf hin milkoofne. Hordofaa

Your browser doesn’t support HTML5

KFOn Godaantota Saawudiitti Ugguramaniif Akka Mootummaan Furmaata Hatattamaa Kennu Gaafate