Kibba Itiyoopiyaa Keessatti Mindaan Barsiistota Waan Adda Ciccituuf Hojiin Barnootaa Danqamuun Ibsame

  • VOA

South Ethiopia

Godinaalee Kibba Itiyoopiyaa keessatti mindaan barattootaa waan adda ciccituuf hanga ammaa naannolee biroo keessaaa barnoonni Fulbaana 7 bara 2017 jalqabame manneen barnootaa hanga tokko keessatti hin jalqabamin jiraachuu maatiin VOAf himaniiru. Maneen barnootaa dhuunfaa fi imanneen barnootaa tokko tokkoon ala irra hedduun isaanii kan hin banamne ta’uu, yoo banamanis barsiistonni tokko ykn lama waajjira bananii akka deebi’an sunis maqaa dhumaaf ta’uu tuqaniiru.

Prezidaantiin waldaa barsiistota naannoo sanaa obbo Amaanu’eel Phaawuloos, Godina Walaayittaa, Gaammoo, Gonsoo fi godinaalee Gofaa keessa kanneen jiran aanaalee 28 keessa ka jiran barsiistonni kumaan laka’aman mindaan isaanii yeroon akka hin kaffalamin VOAf ibsanii jiru.

Ji’a tokkoo hanga ji’a sadii yeroo jiru keessatti mindaan kan hin kaffalamneef yoo ta’u rakkoo hamaaf saaxilamuu isaanii ibsanii jidran.

VOAn itti gaafatamaa waajjira barnoota naannoo sanaa Doktor Abebaayehu Taaddesee irra deddeebi’uun bilbilann arguuf yaalus, bilbila isaanii waan hin kaasne akkasumas ergaa barreeffamaa gabaabaa ergamuufis deebii waan hin kennineef yaada isaanii gabaasa kana keessa galchuun hin danda’amne.

Mindaa barsiistota kanaa ilaalchisee kanneen yaada kennan, bara 2016 akka lakkoobsa Itiyoopiyaatii qabee bara 2017tti kan ce’e rakkoo kana irra deddeebi’un qaama dhimmi ilaallatutti beeksisnus deebii hin arganne jedhan. Rakkoon sun humnaa ol waan itti ta’eef illee beela’aa barsiisuu waan hin dandeenyeef hojii dhaabuuf dirqamneerra jechuu dhaan barsiisaan naannoo sanaa kan nageenya isaaniif sodaachuun maqaan isaanii akka hin tuqamne gaafatan dubbataniiru.

Barsiistonni gaaffii mindaa kaasan illee doorsisa adda addaaf saaxilamuu dubbatu barsiistonni kun. Rakkoon kun keessatti hammaateera kan jedhame godina Walaayittaatti itti gaafatamaan qajeelcha barnootaa obbo Gobezee Godaanaa gaaffiin barattootaa sirrii ta’uu ibsanii, ittiin ka’umsi rakkoo kanaa liqaa xaa’oo fi hanqina bajataaa ta’uu isaaf keessumaa mindaan baatii Adoolessaa guutummaan akka hin baafamin mirkaneessaniiru jechuun Yoonaatan Zebidiwoos gabaaseera.