Koomishinarri Mirga Dhala-namaa Tokkummaa Mootummotaa Har’a Finfinneetti Qeeqxota Mootummaa Dhiheenya Hidhaadhaa Hiikaman Dubbisan

  • Namoo Daandii

Ze’iid Ra’aad Al Huseen, Koominisharri ol’aanaan Koomishina Mirga Dhala-namaa, Tokkummaa Mootummootaa

Koominisharri ol’aanaan Koomishina Mirga Dhala-namaa, ka Tokkummaa Mootummootaa Ze’iid Ra’aad Al Huseen, har’a, muummicha-ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimed, akkasumas Afaan-yaa’ii fi ministara dhimma-alaa biyyattii waliin walga’uun mari’atachuu isaanii dura, kanneen dhiheenya mana hidhaatii hiikaman, qeeqxota mootummaa, hoogganoota mormitootaa, gaazzexeessotaa fi falmitoota mirga dhala namaa waliin marii geggeessanii jiran. Marii gara sa’atii tokkoof geggeessame kana irratti muuxannoo hidhamtoonni duraanii kun mana hidhaatti dabarsanii fi haala qabinsa mirga dhala-namaa walii-galaa Itiyoophiyaa keessaa irratti Koomiishinaricha mirga dhala-namaa ol’aanaa waliin dubbatanii jira.

Ka guyyoota sadi’iif Itiyoophiyaa keessa turan – hoogganaan mirga dhala-namaa ol’aanaan kun, ammaan duras, Aboota Gadaa, Abukaatoolee Seeraa fi Bakka-bu’oota Dhaabbata Mirga dhala-namaa waliin marii geggeessuun isaanii beekamee jira.

Hidhamtoota duraanii waliin marii har’a ganama geggeessametti kanneen hirmaatan keessaa lama, dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo – Dr. Mararaa Guddinaa fi Dubbi-himaa Koree Fala Barbaadduu Hawaasa Musliimaa – Obbo Ahimaddin Jabal haasofsiisnee jirra.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Koomishinarri Mirga Dhala-namaa Tokkummaa Mootummotaa Har’a Finfinneetti Qeeqxota Mootummaa Dhiheenya Hidhaadhaa Hiikaman Dubbisan