Kooriyaan Kibbaa Prezidaantii haaraa argattee jirti

  • VOA

Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa ta’anii kan filataman Yoon Suuk Yee’ol yeroo hirbuu seenan, Caamsaa 10, 2022

Prezidaantii Kooriyaa Kibbaa ta’anii kan filataman Yoon Suuk Yee’ol dhimmaa sodaa nuukleeraa biyyaa olaa Kooriyaa kaabaa wajjin jiruu mariidhaan hiikuudhaaf akka fedhii qaban qibxataa har’aa dubbachuun isaanii gabaasameera.

Prezidaantichii yemuu duulaa filannoo taasisa turan Kooriyaa kaabaa irraatti ijjanno cimaa akka qaban ibsaa turanus, erga filannoo moo’anii boodaa sirna aangoo fudhachuu irratti haasaa taasisan keessatti jechootaa ciccimoo akka hin fayyadamnee ibsameeraa.

"Kooriyaan kaabaa dhugaadhaan Adeemsaa Sochii Nuukleeraa dhiisuu keesaa yoo seenti taate, hawaasaa adduunyaa waliin ta’udhaa Karooraa gaarii diinagdee Kooriyaa kaabaa fi fooyya’insa jireenyaa ummata biyyatti jabeessuu danda’u dhiheessuudhaaf qophoofneeraa,"jedhaniiru.

Kooriyaan kaabaa Kanaan duras karoorri fi yaadnii akkanaa dhihaateefii fudhatama dhabsiisuun ishee ni beekama. Prezidaantiin Koriyaa kibbaa haaraa filataman kun michoomaa waraanaa waggoottan 70 darbaniif US waliin qaban akka jabeessanii itti fufan beekisisaniiru.