Korii egerii mootummaa Cehumsa Soomalii irratti mari’atu Naayroobiitti taahe

  • VOA

Mootummaa Cehumsa biyya tanaa ammallee akka waggaa sadii dabalu fedhu tun biyya akka Yunaaytiid Isteetes faa hin gammachiifne.

Soomalieen biyya bara dheeraaf mootummaa jabaa dhabdee dadaaqaa baate.Namuu garuma jiruunuu falumaaf jira.Ammallee ministeroota,warra mootummaa Soomaliee kanaan wal hadhu,abbootii siyaasaa dabalee nama hedduutti egerii siyaasaa mootummaa biyya tanaa irratti mari’achuuf Naayroobiitti kora irra oole.

Mootummaa haga tokkoon ufi bulchu kan mootummaa Puntlandii fi Galamudug, milishoota Ahulu Sunnaa, Waljamahaa faa. Taatullee mootummaan Soomalee ufiifuu kora hin dhufne.Kora akkanaa namii Moqaadisho qopheessuu malee jedha.

Akka jecha Rashiid Abdii,ogeessaa dhaaba Brussels jiruu ka balaa addunyaa qoratuutti mootummaan Soomalee kora akkanaa irraa hafee dhufaatii oduu mootummaa isaallee jaalachuu dhabuun, garaan bulchoota Soomalee fi ka hawaasa addunyaa ammallee akka malee wal hanqata.

Mootummaan cehumsaa Soomalee kun gaafa durii hujii jalqabe haga ganna torbaa qofa bulchee, achiin duuba filannoo tolfannaa jedhe.Gannii torbaan jedhan sun barana dhumata.

Akka amma jiru kanatti mootummaa kana duratti deemsisuuf waan diqqootti jira.Biyyitii akka Amerikaa,Briteenii ,fi Bulchiinsii Tokkummaa Mootummootaa faan tana arguu dhabuuf obsa hin qaban.

Mootummaan Cheumsa Soomalee gannii torba ka innii waadaa itti gale dhumachuu gahee jennaan ammallee ganna sadii dabalannaa jedheen duuba qalbii biyya tanaa itti jijjiiramte.Tanatti mootummaa biyya hedduu dallansiisee Naayroobiitti kora hardha dhumatu kana yaamsise.Korii hardhaa kunilleen waan guddoo hin finne.