Koroonaan lubbuu Miiliiyoonii Jahaa ol galaafateera

  • VOA

FAAYILII - Hojjattoonni fayyaa nama dhukkuba vaayrasii koronaan lubbuun darbee gara konkolaataa yeroo geessan, Hagayya 18, 2021.

Yuuniversitii Joon Hoopkinsitti Maddii wa’ee dhimmaa Kooviid 19 akka jedhutti, adduunyaa irratti namoottan dhibee koroonaatiin du’an miiliyoonii 6 ol ta’ee jira.

Addunyaa irratti , Yero ammaa yemmuu namoottan Maasikii of irraa baasaa jiran kanatti, yeroo immallii itti fufee kanatti, yeroo bakkeewwan daldalaa fi bashannanaa banamaa jiran kanatti dhibee Koroonaatin du’uun akka hin dhaabbanee kan ibsee gabaasiin Joon Hoopkins, walumaa galatti namoonii Miiliyoonii 6,006,748 du’uu isaan eereera.

Akka gabaasichii jedhutti dhibeen kooviid 19 ergaa jalqabee wagga sadii ta’us ammayyuu raawwachuu ykn dhaabbachuu irraa akka fagoo jiru maltatoon agarsiisaan jiruu jedheeraa.

Akka gabaasaa kanaatti Afrikaa keessaa biyyii hedduu miidhamtee Afrikaa kibbaa yemuu taa’tu, namoonii Miiliyoonii 3.5 Vaayiresichaan qabamanii namoonii kuma 99 fi 500 immoo du’aniiru.

Adduunyaa irraatti namoonii miiliyoonii 450n Vaayiresichaa akka qabaman galmaahuu isaa gabaasinii Joon Hoopkins kun ibseeraa.