Mormiilee baatiilee kudha-tokkoof Oromiyaa keessatti geggeessamee fi achii boodas, naannoo Amaaraa fi ka biroo keessatti fufee, labsii yeroo hatattamaa Mootummaan Itiyoophiyaa baase kana paartiileen mormitootaa akkamitti ilaalan?
Itti-aanaa dura-taa’aa Kongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Mulaatuu Gammachuu akka jedhanitti, labsii kun haaraa miti. “Yeroo ADWUIn walga’ii isaa geggeessametti muummichi-ministaraa Hayile-mariyaam Dessaalenyi, nagaa eeguuf jechuudhaan humni hidhate eenyu irratti iyyuu tarkaanfii fudhachuu akka danda’u beeksisuu isaanii irraa jalqabee waanuma amma labsame kana tu uummata Oromiyaa keessaa irratti raaw’atamaa ture. “Mootummaan uummata gaaffii mirgaa gaafate waliin gad-taa’ee furmaata barbaaduu irra, kana tu furmaata ta’a, jedhee – rasaasa itti ergaa jira,” jedhu – Obbo Mulaatuun.