Lammiileen Biriteen Kamisa Har’aa Filannoo Waligalaa Irratti Sagalee Kennaa Oolan

  • VOA

Hogganaa paartii mormiituu, Leeber Paartii Keyir Istaarmer, Adoolessa 2, 2024.

Filannoo Biriteen guyyaa har’aa taasifameen waggoottan 14 darbaniif paartiin biyyatti hogganaa ture paartiin konservaatiivii aangoo isaa gara partii hojjatootaa ykn Leeber paartii ti dabarsee akka kennuuf jiru gabaasameera.

Sagale kennitoonni garra paartii hojjatootaatti akka fuula deeffatan kan isaan taasise, egereen haala diinagdee biyyatti ifa ta’uu dhabuu isaa, namoottan rakaawwan ykn institiyushiinota irratti ammantaa dhabuu isaanii fi waltii dhufeenyi hawaasaa gargar citaa adeemuu isaa akka ta’e himameera.

Paartiin hojjatootaa ykn “center left Labor” erga bar 2005 as moo’ichaa guddaa akka argatu kan gabaasan maddawwan oduu, nammi waggaa 61 fi hogganaan bartichaa Kee’ir Staarmer jijjiramnii akka dhufuu danda’uuf lammileen biyyatti bahanii akka sagalee kennan waamichaa taasisaa turan.

Buufatalee sagalee kuma 40 ta’an keessatti adeemsa sagalee kennee taasefame ministeeraa yeroo amma taayitaa irra jiran Riishii Suunaak maatii isaanii wajjin bahuudhaan sagalee kennanii jiru.

Sagaalee kutaawwan bulchiinsaa 650 keessatti kennamuu kana paartiin moo’ate, teessoo paarlamaa biyyatii 326 akka qabatuu kan tiilmaamaee yemuu ta’u, bu’iin filannoo walii galaa jimaataa borii ganamaa akka ifa taasifamuu eegamaa jedhameera.