Lammiiwwan Ameerikaa Hidda Dhalata Afriikaa Seenaa Galmeessanii Darban Yaadannoon Isaanii Baraan Jiraata

  • VOA

Your browser doesn’t support HTML5

Hayyuu seenaa, barreessaa fi ibarsiisaa kan turan manni jireenyaa Carter G. Woodson, yaadannoo dhaabbataa fi hambaa seenaa lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa ti. Mana jireenyaa isaanii bakka hojiiwwan isaanii galmeessamanii keessa kaa’amaniif daawwattootaaf banaa ta’an ilaalchisuun gabaasa Chris Smkin gabaase Tujubetu dhiyeessa.

Tajaajila paarkii biyyoolessaa irraa kan jta’an Johan Fowler mana jireenyaa Carter G. Woodson daawwachiisu. Mallattooon seena qabeessi magaalaa galma mootummaa Ameerikaa keessaa kun waggaa 90 ol dura baatii seenaa yaadannoo gurraachaa nama hundeesse akka ittiin yaadatamaniif kan ol kaa’amee dha.

Dr. Carter G. Woodson nama kaayyoo ti. Dhugaa uummata isanii gar ifatti

Seenaa gurraachotaa dhabamsiisuuf kan yaalu loogii sanyiitti duuluuf hayyuu seenaa fi barsiisaa kan ta’an Woodson, dhaabbata ergamni isaa tokkichi kan seenaa fi aadaa gurraachotaa galmeessu hundeessan.