Lammiiwwan Oromoo Saaudii Arabiyaa keessa jiraatan dararamne jedhu.

Saud Arabia keessa kanneen jiraatan lammiiwwan Oromoo maqaa eehama jireenyaa hin qabdan jedhuun mana hidhaatti guuramaa kan jiran ta'u dubbatu. Haalli mana hidhaa keessaas walumaa gala suukaneessaa, walitti heddummaatanii waan jiraniifis ho’a uumamuun hafuura baafachuun illee rakkisaa dha jedhu.

Gara biyya ofiitti deebi’uuf iyyannuus mootummaan Itiyoophiyaa lammiiwwan koo ta’uu keessan hamman adda baafadhutti biyyatti isin galchuu hin danda’u nuun jedha jedhan. Hedduun namoota kanaa galaana qaxxaamuruun gamas seenne waan ta’eef, paas poortii of harkaa hin qabnu, mootummaan keenya garaa nutti jabaate jedhan.

Embaasiin Itiyoophiyaa Riyaad keessa jiru, imaammanni kanaan dura kanneen biyyatti deebifaman ilaalchisee qaban waan jijjirameef jecha, inni haaraan garu qorannaa gad fagoo waan gaafatuf yeroo fudhate jedha.

Kana malees, namonni Itiyoophiyaatti deebi'uu fedhan kun hanga paas poortii ykn waraqaa eenyummaa hin qabneetti, addaan baasuun rakko ta'a, kanaan qabatanii warri Itiyoophiyaa seenuun golii kaasuu fedhan waan jiraataniif jecha, ciminaan hubachuun barbaachisaa dha jedha. Gabaasa guutuu MP3 tuquun caqasaa.