Mana Hidhaa Itiyoophiyaa Keessa Kan Turan Lammiwwan Somaaliyaa Biyya Ofiitti Deebi’an

  • VOA

Lammiwwan somaaliyaa 114 mootummaa Somaaliyaati dabarfamanii kennaman sambata darbe Moqadishoo seenuu isaanii aangawoonni mootummaa somaaliyaa ibsanii jiru.

Xayyaara keessaa yeroo ba’an jilbeefatanii biyyoo biyya isaanii dhungataa fi kolfaa kan turan yoo ta’u maatii fi firottan isaan eegaa turan gammachuu qaban wacaan ibsaa fi bo’aa turan.

Angawoonni mootummaa sabaa himaa nannoof akka ibsanti lammiwwan somaaaliyaa kun seeraan ala Itiyophiyaa seenuu dabalatee gocha seeraan alaa adda addaa rawwataniif mana hidhaa Itiyoophiyaa keessa turan.

Somaaliyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Jamalidin Omar kun ta’uun biyyoota lamaan gidduu hariiroo gaariin jiraachuu isaaf mallattoo tokko jedhan.Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Somaaliyaa Itiyoophiyaan kan gochuu isheef galateffatanii jiru.

Mummicha ministeera somaaliyaa fi gita isaanii kan Itiyoophiyaa waliin mariin eega gaggeessanii booda jarreen kun hiikaman jedhama.