Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Dr.Abiyy Ahmad gara dhuma torban darbee irra gara biyyoota giddu galeessa baatti imalanii turan.Imaltuu jalqabaan Riyaad seenanii mootii biyyatti waliin kan mari’atan yoo ta’u walii galtee irra ga’ameen lammiwwan Itiyoophiyaa Riyaad keessatti hidhaman keessaa 1085 gadhiifamanii guyyoota darban lama keessaatti Finfinnee seenanii jiru.
Kana malees haadha ilmii ishee dogoggoora wal’ansa fayyaa biyya sana keessatti irra ga’een waggootii kudha lamaaf of-wallaalee hospitaala keessa jiru daw’atan.Yaada firmaataa irra ga’amees ibsanii jiran.
Dr. Abiyyi imaltuu isaanii itti fufuun gara biyya tokkummaa araboota Imeereetootaatti imalanii Abudaabii keessatti mootii biyya Sanaa waliin Turizimii fi wal’ansa fayyaa akkasumas dhimmotii adda addaa irratti dubbatanii jiru.Kana malees namoota hawaa Itiyoophiyaa irraa ta’an waliin dubbatanii jiru.
Kan mummicha ministeeraa waliin gamasitti imalee ture Oduu gabaasaa OBN Gazexxeessaa Efreem Tafarraa waliin gaaffii fi deebii gaggeeffamee caqasaa.
Your browser doesn’t support HTML5