Jaamaa Aden,namicha Genzebee Dibaabaa fi atileetoa hedduu leenjsu,qorsa humna namaa kennu ‘irratti arganii’ Ispeen keessatti qaban

  • VOA

Leenjisaa Jama Aden

Akka oduu poolisii Ispeenitti nama kana waan hedduun shakkan. Jaamaan Aadam leenjsiaa dorgommii metirii dhedeertuuti.

Akka Waldaan Federshiinii Atileetiksii Addunyaa IAAF jedhutti waldaan isaanii bara 2013 jalqabee Jaamaa qorachaa bahe.

Nama kana kalee ganama Ispeen,magaalaa Barseloonaa hoteelii Sabadell keessatti qaban.

Jaamaan atileeti Genzebee Dibaabaatii fi atileeti Jibuutii Ayanleh Soulemain faalleen hin leenjisa. Atileetii Aljeeriyaa Taouifk Makhloufi faallee isatti leenjisa.Namii kun dhalootaan Somaalii.

Qorannaa tana ammoo poolisii addunyaa (Interpol) bulchoota Ispeenii fi dhaaba hedduu waliin qorachaa bahe.

“Waldaan keenna [IAAF] akka atileetotii humna ufiitin dorgoamnii moohan karaa dandahu cufaan hojjata,”jedha.

Tana maleellee IAAF atileetota qofaa mitii leenjsisoota qorsa huma namaa kennu ka addunyaan dhoorte fayyadamullee akka jabeessee qoratu mirkanse.

Taatullee waldaan kun dubbii seerii harkaa qabu irratti ammatti womaa hin dubbadhu jedha.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa