Lola Sudaan Naannoo Daarfuur Dhaabsisuuf Tarkaanfii Hatattamaa  Barbaachisa, Jedha Tokkummaan Mootummootaa

  • VOA

FAAYIILII - Waajjira Mootummoota Gamtoomanii, Niiw Yoork, Guraandhala 28, 2022.

Sudaan naannoo Daarfuur bakka lubbuun siivilota hedduu balaa keessa jiru keessa lola jiru dhaabuuf tarkaanfii hatattamaatu barbaachisa jechuu dhaan angawaan gameessi Tokkummaa Mootummootaa akeekkachiisaniiru.

Tokkummaa Mootummootaa keessatti itti aantuu ministriin dhimmootii Afriikaa Maartaa Pibee, golli naga eegumsaa kan tokkummaa mootummootaa siiviloota lola El Faasher keessatti humnootii addaa Sudaan kanneen RSF jedhamanii fi humnootii mootummaa waliin geggeessamu gidduutti danqamaniif eegumsa gochuuf aangoo isaa akka gargaaramu gaafataniiru. Erga Fulbaana 12 qabee lolli hamaan geggeessamaa jiru uummata qe’ee ofii irraa buqa’e kan 700,000tti hedamu dabalatee gargaarsa xiqqoo waliin marfamee akka taa’uu dirqisiise.

Muummichi barreessaan tokkummaa mootummootaa Antooniyoo Guteres gareelee wal lolan lamaan fedhii siivilotaa boodatti dhiisuu isaaniif qeeqanii jiru. Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden illee gareen wal fincilan lamaan loltoota isaanii boodatti deebisuu dhaan gargaarsa namoomaaf karaa saaqanii, gara mariitti akka deebi’an gaafataniiru.

Torban dhuftu, hoogganaan waraana Sudaan Jeneraal Abdel Fattaa Burhaanii gumii walii galaa kan Tokkummaa Mootummootaa Niw Yoorkitti geggeessamuuf jiru irratti kan hirmaatan yoo ta’u haala jiru illee gumichaaf ibsuuf jiru. Burhaanii fi hoogganaan RSF Mohammed Hamdaan Dagaaloo Marii nagaaf qophee ta’uu isaanii ibsaniiru.