Loltoonni Biyya Alaa Gara Garee Islaamummaa Somaaliyaatti Yaa'aa Jiran

  • VOA

Loltoota Somaaliyaa karaa Hoteela hayaat funduraatti hojii eegumsaa godhaa jiram, Somaaliyaa 20, 2022.

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ibsa baaseen Somaaliyaa keessatti gareen shororkeessaa Islaamummaa loltoonni biyyoota alaa itti dabalamaa jiraachuun guddachaa dhufeera jedhe.

Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti gareen dhimma qoqobbii Somaaliyaa to’atu ibsa torbaan kana baaseen akeekkachisa kan kenne Somaaliyaa keessatti kan argamu garee shoroorkeessaa Islaamummaatti loltoonni biyyoota baha gidduu galeessaa keessaa kanneen baay’inni isaanii 600 hanga 700 ta’an itti dabalamaniiru jedheera. Akka gabaasa kanaatti loltoonni kunneen galaanarraanii fi daandiiwwaniin gara Puuntilaandi seenuun IS- Somaaliyaatti makamaniiru. Gareen IS kan Somaaliyaa Puuntilaandi keesaa kan loltoota biyyoota alaan deeggarame garee Alsahabaab isa Alqaayidaa waliin hidhata qabu deeggaraas jedheera ibsi dhaabbata mootummoota Gamtoomanii kuni.

Akka odeeffannoon basaasaa agarsiisutti gareen IS- somaaliyaa Puuntilaandi gaara Caal Miskaad keessatti akka malee guddachaa jiruu fi dabalataanis loltoota biyyoota alaa biyyoota baha gidduu galeessaan alattis biyyoota Ja’a - Siiriyaa, Yemen, Itiyoophiyaa, Sudaan , Morookoo fi Taanzaaniyaa - keessaallee loltoonni itti dabalaman iirus jedheera.

Hoogganaan waraanaa Yuunaayitid Isteetisi kan Afiriikaa ji’a darbe Sagalee Ameerikaatti akka himanitti gareen IS- Somaaliyaa isa waggaa darbeerra dachaa laman dabaleera.